header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa Naannoo Benshaangul Gumuz keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 57 ajjeefaman

Prezidantiin Naannoo Benshaangul Gumuz obbo Ashaadil Hasan.akka ibsetti, naannoo Benishaangul Gumuz, aanaa Daanguritti wixata dabre hidhatoota naannoo Amaaraa irraa dhufaniin namoota nagayaa irratti haleellaan raawwatamuu beeksise. Obbo Ashaladdiin ”haleellaa kana shiftoota Jeneraal Asaaminaw leenjisetu raawwate” jechuu isaa BBC’n gabaase..

Bulchaan aanaa Daangur Obbo Kaasaahuun Foorii gama isaatiin akka beeksisetti, haleellaa kanaan daa’imman dabalatee namoonni 57 ol kan ajjeefaman yoo tahu, namoonni 16  madaawuufi manneen 66 guutummaatti ibiddaan barbadaa’uu VOA’tti hime. Dabalataanis namoonni haleellaa kanaan miidhaman Hospitaala Paawweetti yaalamaa jiraachuu ibsame.

Qondaaltonni naannichaa Ji’oota muraasa duras jiraattota saba Gumuz naannoo Amaaraa keessa jiraatan irratti haleellaa raawwatameen namoonni heddu ajjeefamuu ibsuun, naannichatti ammas tasgabbiin guutuun akka hin jirreefi qaamolee nageenyaa federaalaa fi raayyaa ittisa biyyaa waliin hojjataa akka jiran himan

 

Haleellaa kanaan walqabatee meeshaan waraanaa fi namoonni too’annoo jala oolan jiraachuus qondaaltonni Naannoo Benshaangul Gumuz ibsanii jiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button