Korri Garee Biyyoota G-20 jedhamuun beekamuu Jaappaan keessatti geggeeffamaa jira
Korri Garee biyyoota G-20 bara kanaa har’a Jaappaan magaalaa Osaakaa keessatti kan jalqabame yoo tahuu, wal dhabbiin daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa jiddutti uumamee fi faalamni qilleensa addunyaa dhimmoota ijoo kora kanaa tahuu gabaafame.
Dhimmi faalama qilleensa addunyaa biyyoota miseensa G20 bakka lamatti qooduun kan wal falamisaa jiru akka ta’eefi, Ameerikaan biyyoonni G20 dhimma faalama qilleensaa gar malee hafarsaa jiran jechuun qeeqaa jirti. Yaada Ameerikaa kana biyyoonni gamtaa Awrooppaa hadheeffatanii kan mormaa jiran yoo tahu, keessumattuu Prezdaantiin Faransaay Emanuel Macron “walii galtee dhimma faalama qilleensa addunyaa kanaan dura Paris keessati mallattaahe irraa keeyyanni tokkollee hir’achuu hin qabu”jechuun mormuu isaa odeeyfannoon ni mul’isa.
Prezdaant Traamp kanaan dura waliigaalteen Paris diinagdee Ameerikaa kan miidhu jechuun biyyi isaa walii galtee kana keessaa bahuu labsuun isaa ni yaadatama.
Dhimma wal dhabbii daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa jiddutti uumame irrattis gamtaan Awrooppaa yaada isaa kan ibse yoo tahu, Ameerikaa fi Chaayinaan rakkoo isaanii of eeggannoon yoo kan hin furre tahe, diinagdee addunyaa guutuu gaaga’ama keessa galchuu malan jechuun akeekkachiise. Ji’a tokko dura Bulchiinsi Traamp Chaayinaan meeshaa rakashaa gara Ameerikaa galchuun bu’aa guddaa arkataa jirti jechuun, meeshaalee Chaayinaa gara Ameerikaa galan irra qaraxa guddaa kaaye. Kanuma hordofuun Chaayinaanis tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuun ni yaadatama.
Gareen biyyoota G-20 biyyoota addunyaa diinagdee cimaa qaban 19 fi Gamtaa Awrooppaa of keessatti hammata. Gamtaa Awrooppaa dabalatee Ameerikaa, Kanaadaa, Raashiyaa, Chaayinaa, Turkiyaa, Jaappaan fi Sa’uudiin miseensa biyyoota G20 tahuun ni beekama.