Israa’el qondaala ol’aanaa Falasxiin hiitee akka turte ibsame
Ministeerri Al-Qudsi Fadi Al-Hadami torbee dabre prezdaantii Chiilii Sabastiyaan Pireeraa waliin tahuun Masjidal Aqsaa kan daaw’atan yoo tahu, kanuma hordofuun Israa’el ganama har’aa ministeericha mana isaa keessaa qabuun kan hiite tahuu miidiyaaleen Falasxiin gabaasan.
Dubbi himaan Polisii Israa’el gama isaatiin akka ibsetti, ministeerri dhimma Al-Qudsi Jerusalem keessatti “sochii seeraan alaa”geggeessuun shakkamee too’annaa jala oolfamuun qoratamaa jira jedhe.
Prezdaantiin Chiilii Kiibxata dabre qondaaltota Falasxiin waliin Al-Qudsi keessatti daaw’annaa kan geggeesse yoo tahu, Ministeerri haajaa alaa Israa’el Arba’aa dabre ibsa baaseen, daaw’annaan prezdaantichaa fudhatama hin qabu jechuun dhimmicha kan qoratu tahuu beeksise.
Haata’u malee Imbaasiin Chiilii Israa’el keessatti argamu dursee daaw’annaan prezdaantichaa akka mootummaatti osoo hin taane, kan dhuunfaan godhamu tahuu waajjira haajaa alaa Israa’eliif xalayaa barreessee kan ture tahuu miidiyaaleen Israa’el gabaasan.
Chiiliin biyyoota addunyaa hawaasni Falasxiinotaa cimaan baay’innaan keessa jiraatan jidduu takka yoo taatu, mootummaa fi ummanni biyyattii yeroo dheeraaf qabsoo Falasxiin deeggaruun beekaman.