header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni marii waraana Suudaan wixinee araaraa Ityoophiyaan Gamtaa Afrikaa waliin tahuun qopheessite kan fudhate tahuu ibse

Wixinee araaraa torbee dabre Ityoophiyaan qopheessitee mana marii waraana Suudaan fi gamtaa mormitootaatiif dhiheessite, manni marii waraana Suudaan Ityoophiyaan qabxiilee wixinee kanaa jidduu muraasa Gamtaa Afrikaa waliin qindaahuun akka fooyyessitu gaafatee ture.

Haaluma kanaan Ityoophiyaan Gamtaa Afrikaa waliin tahuun wixinee araaraa fooyya’e qopheessuun June27/2019 kan dhiheessite yoo tahu, gamtaan mormitoota Suudaan wixineen fooyya’e kan irratti mari’atee yaada isaa kan ibsu tahuu beeksisee ture.

Manni marii waraana Suudaan gama isaatiin ibsa har’a baaseen, wixinee fooyya’ee kana fudhatuu ibsuun, raawwii wixinee kanaa irratti gamtaa mormitootaa waliin mari’achuuf qophii tahuus beeksise.
Gamtaan paartiilee mormitootaa wixinee jalqaba Ityoophiyaan kophaa qopheessite kan fudhatu tahuu beeksisee ture. Haata’u malee wixinee fooyya’e irratti hanga ammaatti yaada xumuraa hin ibsanne

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button