header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni Marii Waraana Suudaan fi Gamtaan Mormitootaa aangoo mootummaa ce’umsaa addaa qoodachuuf walii galan

Qondaaltonni waraana biyyattii fi hoggantoonni gamtaa mormitootaa guyyaa lamaan dabran wixinee araaraa Ityoophiyaan Gamtaa Afrikaa waliin qopheessite irratti kan mari’ataa turan yoo tahu, haaluma kanaan mootummaa ce’umsaa waggaa sadi turu hundeessuuf walii galanii jiru.

Qondaalli Gamtaa Afrikaa araara kana hogganaa ture Muhammad Hassan Lebat ibsa Jum’aa har’aa kenneen, mootummaa ce’umsaa hundaayu gamtaan mormitootaa fi manni marii waraanaa dabaree dabareedhaan kan hogganan ta’a jedhe.

 

Gamtaan mormitootaa fi Waraanni Suudaan walii galtee kana gammachuun kan simatan tahuu ibsan. Hogganaan gamtaa mormitootaa Umar  Yusuf al-Degayr yaada kenneen,  walii galteen kun dhaabbilee mootummaa ce’umsaa  ijaaruuf hedduu barbaachiisaa tahuu ibsuun,  Suudaan imala gara dimokrasii tarkaanfii cimaan jalqabaa jirti abdii jedhu kan qabu tahuu hime.

 

Itti aanaan hogganaa mana marii waraana Suudaan Jeneraal Muhammad Hamdaan Dagaloo gama isaatiin, walii galteen ammaa kun humnoota Siyaasaa fi hawaasummaa hunda kan hirmachisuufi walumaa galatti qaamota hunda kan hammate tahuu ibse.  Jeneraal Muhammad itti dabaluudhaanis, Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa obsa guddaan adeemsa araaraa kana geggeessuu isaaniitiif ni galateeffanna jedhe.

 

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button