AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad badhaasa nageenyaa ‘UNESCO Peace Prize”jedhamu injifate

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad eega gara aangootti dhufe asitti  jijjirama biyya keessatti dhufaa jiru hogganuun, akkasumas naannawa baha Afrikaa keessatti nageenyi akka bu’u carraaqqii guddaa godhaa jiraachuun ni beekama.

 

Hujiin muummicha ministeeraa kun Ardii Afrikaa fi biyyoota addunyaa heddu biratti beekkamtii kan argataa dhufe yoo tahu, haaluma kanaan Dr Abiy dhaabbaata mootummoota gamtoomaniitti ejensiin Barnoota, Sayiinsii fi Aadaa irraa badhaasa nageenyaa “UNESCO Peace Prize”bara kanaa kan injifate tahuun beekamee jira.

 

Odeeyfannoo birootiin ammoo walii galtee araaraa waraanni Suudaan fi gamtaan mormitoota har’a mallatteessan hordofuun, Dr. Abiy Ahmad ummata Suudaan fi humnoota siyaasa biyyattiitiif dhaamsa baga gammaddanii dabarsee jira. Muummichi ministeeraa dhaamsa isaa kanaan, Suudaan keessatti nagayaa fi tasgabbiin akka bu’u humnoonni biyyattii hundi waliin taa’anii mari’achuun murteessaa kan ture tahuu ibsuun, ammas taanaan Ityoophiyaan nageenyaa fi tasgabbiin Suudaan akka itti fufu miira obbolummaatiin kan deeggartu tahuu beeksise.

 

 

8 Comments

  1. As wr wb mashaa Alhaa Mashaa Alhaa jzk hedu Namati Tolaa jzk Nura Huda sora Qlbii muslima shukarni

  2. As Wr wb Applicationiin NuurAlhudaa oduu biyya keysaa fi Alaa haarayaa nuun gahaa jiru bareedaadha, garuu hamma oduu muraasa osoo dabaltanii gaarii natti fakkaata. Rabbi jazaa isinii haa kafaluu.

Comment

Related Articles

Back to top button