header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Chaayinaa, Ameerikaan meeshaa waraanaa Taaywaaniif akka hin gurgurre gaafate

Ameerikaan meeshaa waraanaa Dolaara Biiliyoona 2.2tti shallagamu Taaywaanitti gurguruuf qophii tahuu eega ibsitee booda, Chaayinaan karoora Ameerikaa kana balaaleffataa jirti.

 

Waajjirri Ministeera haajaa alaa Chaayinaa har’a ibsa kenneen Ameerikaan walii galtee gurgurtaa meeshaa waraanaa kana akka haqxu gaafate. Dubbi himaan ministeera haajaa alaa biyyattii akka jedhetti, karoorri Ameerikaa kun dhimma Chaayinaa keessa harka naqachuun birmaddummaa fi nageenya Chaayinaa kan miidhu jechuun ibse. Itti dabaluudhaanis, mootummaan Chaayinaa qaama birmadummaa biyya isaa cabsu kamuu kan hin obsine tahuu akeekkachiise

Taayiwaan bara 1950 Chaayinaa irraa fottoquun of dandeettee sirna dimokraasiitiin kan bulaa jirtu yoo tahu, Chaayinaan garuu hanga har’aatti beekkamtii hin kennineef.

Mootummaan Chaayinaa dhimma Taayiwaan irtti qajeelfama “biyya tokko, sirna lama”jedhu kan qabu yoo tahu, kunis Taayiwaan fedhiidhaan gara biyyattiitti yoo kan deebitu tahe, naannawa sirna dimokrasii hordoftu taatee mirgi ofiin of bulchuu bal’aa tahe kan kennamuuf tahuu ibsa. Taayiwaan ammoo biyya walaabaa fi dimokraatawaa tahuu isii ibsuun, qajeelfama Chaayinaa kana kan birmadummaa kiyya cabsuuf dhihaate jechuun kuffiste.

Taaywaan1

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button