header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Dr. Abiy Ahmad ministeerota Haajaa Alaa Finland fi Kooriyaa Kibbaa simachuun waliin mari’ate

Muummichi Ministeeraa Dr. Abiy Ahmad ministeera haajaa alaa Finland Peekaa Haaviisto har’a ganama waajjira isaatti simachuun, dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsan irratti kan mari’atan tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Ministeerri haajaa alaa Finland biyyi isaa jijjiirama Ityoophiyaan eegalte kan deeggartu tahuu fi  nagayaa fi tasgabbii naannoo baha Afrikaa mirkaneessuu keessatti gaheen Ityoophiyaa guddaa tahuu hime.

 


Haaluma wal fakkaatuun,  Dr.Abiy Ahmad Ministeera  Haajaa Alaa Kooriyaa Kibbaa Kaang Yuung Hwaa waliin mari’ate. Qabxiileen marii isaanii hariiroo fi tumsa biyyoota lamaanii cimsuu irratti kan xiyyeeffate tahuun beekamee jira. Keessumattuu Kooriyaan Kibbaa dameewwan Qonna, Barnoota fi Sirna gumruukaa fooyyessuu irratti muuxannoo fi deeggarsa Ityoophiyaa kennuuf qophii tahuu beeksiste.

 

Dabalataanis muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad Kooriyaa Kibbaa akka daawwatu affeeramee jira.

 

 

2 Comments

  1. hujiin keessan haalaan nama gammachiisa garuu sagantaa namoota Amrii ta’anii irratti hi
    rmaachuun haala ittiin gaggeessan gootanii maal fakkaata?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button