header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Laammileen Ityoophiyaa 132 Yaman keessatti ugguramanii turan gara biyyaa deebifaman

Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) akka ibsetti, lammiilee Ityoophiyaa  manneen hidhaa Yaman keessatti ugguraman jiddu 132 har’a gara biyyatti  deebifamanii jiran. Lammiilee gara biyyatti deebifaman jidduu 110 ijoollee tahuun beekamee jira.

 

Lammiileen Ityoophiyaa karaa seeraan alaatiin gara Yaman ce’an heddu manneen hidhaa biyyattii keessatti dararamaa jiraatuu kanaan dura gabaasuun keenna ni yaadatama.

 

Odeeyfannoo birootiin ammoo lammiileen Ityoophiyaa Liibiyaa keessatti ugguraman haala hamaa keessa kan jiran tahuu nuuf ibsan. Namni Liibiyaa magaalaa Triipoolii irraa bilbilaan dubbisne akka nuuf himetti, yeroo ammaa lammiileen Ityoophiyaa heddu manneen hidhaa Liibiyaa keessatti  ugguramanii dararamaa jiran. Dabalataanis lola Liibiyaa keessatti hammaataa dhufeen wal qabatee dararaan baqattoota irra gahu daranuu hammaataa kan dhufe tahuu ibsuun, kallattii danda’ame hundaan ummanni, mootummaan fi dhaabbileen idil-Addunyaa akka isaanii birmataniif gaafatanii jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button