header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni Marii Waraana Suudaan yaalii fonqolcha mootummaa fashaleessuu beeksise

Hoggantoonni mana marii waraana Suudaan fi gamtaan mormitootaa akkaata walii galtee nageenyaa dhiheenya mallatteessaniitiin, haala raawwii hundeeffama mootummaa ce’umsaa irratti Khamiisa kaleessaa marii geggeessaa osoo jiran yaaliin fonqolchaa kun kan raawwatame tahuu ibsame.

 

Manni marichaa akka ibsetti,  miseensota raayyaa ittisa biyyattii 16 dabalatee namoonni yaalii kana qindeessuun  shakkaman too’atamaniiru.

Miseensi Mana Maree Raayyaa Ittisa Biyyaa Suudaan Jeneraal Jamaal Umar ibsa kenneen, Miseensonni raayyaa ittisaa, qondaaltonni bulchiinsaa fi nageenyaa, akkasumas qondaaltonni waraanaa soorama ba’an yaalii fonqolcha mootummaa irratti hirmaatanii jiru jedhe.

 

Manni marii Waraana Suudaan gochi akkanaa marii biyyattii gara demokraasiitti ceesisuuf geggeeffama jiru gufachiisuuf kan yaalame jechu isaa Aljaziiraan gabaase.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button