Walii galtee kana gama Ityoophiyaatiin ministeer deettaa Ministeera Maallaqaa Obbo Admaasuu Nabbabaa, gama Emreetsin ammoo daayrektara boordii Kalif Fund Huseen Al Noweyisiittu mallatteesse.
Muummichi ministeeraa Dr.Abiy Ahimad deeggarsa Doolaara miiliyoona 100 gama Kaliif Fundiitiin Ityoophiyaa kennameef mootummaa Emreets galateeffatee jira.
Related Posts
Deeggarsi Maallaqaa Emreets irraa argame kun intarpiraayizoota xixiqqaa fi jiddugaleessaa jabeessuu, akkasumas damee innooveeshinii fi teeknooloojii irratti carraa hujii uumuuf kan oolu tahuu ibsame.