OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Paartiin Dimokraatawaa Amaaraa Obbo Tamasgen Xiruneh Prezdaantii naannichaa akka tahu kaadhime
Koreen Jiddu Galeessaa Paartii Dimokraatawaa Amaaraa ADP wal gahii guyyaa sadihiif geggeessaa ture kan xumure yoo tahu, Obbo Yohannis Buwayaalewu itti aanaa hogganaa paartichaa godhuun muudee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Obbo Tamasgen Xiruneh taayitaa Prezdaantii naannichaatiif kan kaadhimame tahuun beekamee jira. Aangoo prezdaantichaa kana manni marii naannoo Amaaraa ni mirkaneessa jedhamee eeggama.
Obbo Tamasgeen Xiruneh kanaan dura daayrektara ejensii nageenya odeeyfannoo biyyoolessaa kan ture yoo tahu, akkasumas dhiheenya kana ammoo waajjira muummicha ministeeraatti gorsaa dhimma nageenyaa ture.
Bayyee namatti oddeeffannoo keessan itti fufa
0997184342
mashaa Alhaa Mashaaa