header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Caffeen Oromiyaa baajata bara 2012 Birrii Biiliyoona 70.16 raggaasise

Caffeen Oromiyaa bajata bara 2012 birrii biiliyoona 70 fi miiliyoona 100 fi kuma600 raggaasise. Bajata kana keessaa bajata naannawaa birrii biiliyooa 14.9 ol, bajata kaappitaala naannootiif birrii biiliyoona 17.3 ramadeera.

 

Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaatiif birriin biiliyoona 37.4 kan ramadame yoo tahu,  of eeggannoof ammoo birriin miiliyoona 500 kan ramadame tahuu ibsame.

 

Maddi bajataas galii deeggarsa Mootummaa Federaalaa irraa birrii biiliyoona47,  galii idilee naannoo irraa birrii biiliyoona 17 tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Dabalatanis Galii keessoo irraa birriii biiliyoona 2.9 akkasumas gargaarsa alaa irraa birrii miiliyoona 106 madda bajata bara kanaa tahuun beekamee jira.

 

Manni marichaa Bajatni dabalataa bara 2011 birrii biiliyoona 2.2 raggaasisee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button