header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan Markaba seeraan ala boba’aa fe’attee imalaa turte too’annaa jala oolchuu beeksiste

Humni eeggumsa Warraaqsa Iiraan Markaba biyya biroo seeraan ala boba’aa fe’attee daangaa galaana biyyattii keessa qaxxaamuraa turte  too’annaa jala olchuu beeksise. Iiraan markaba boba’aa litira miiliyona tokko fi hojjattoota 12 fe’attee imalaa turte Alhada darbe kan qabde tahuu alatti, Markabatttiin qabeenya biyya kami akka tahe hin ibsine. Haata’u malee Emreets Markabni boba’aa fe’attee buufata biyya isii irraa kaate qarqara Iraan galoo galaana Hormuuz  keessatti dhabamuu ibsitee turte.

 

Gama birootiin ammoo Ameerikaan loltoota 500 Sa’uudii keessa qubachiisuuf sochii jalqabuu ibsite. Bulchiinsi Traamp akka jedhetti , qophii waraanaa Iiraan naannicha keessatti godhaa jirtuun wal qabatee,  aggaammii Sa’uudii fi biyyoota michuu isii naannicha keessa jiran irratti godhamu qolachuuf akka danda’amu,  Ameerikaan loltoota dabalataa gamasitti erguuf murteessite.

Walitti gaarrifannaa Ameerikaa fi Iiraan jiddutti hammaataa dhufe hordofuun, Traamp kanaan duras Markabootaa fi xiyyaara waraanaa akkasumas loltoota 1000 ol gara baha jiddu galaatti bobbaasuun ni yaadatama.

Markaba Iraan uuggurte1

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button