header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad Badhaasa Chatham House Prize jedhamuuf kaadhimame

Badhaasni Chatham house kun waggaa dabre keessa walitti dhufeenya idil addunyaatiif fooyya’iinsi akka argamu, dhaabbilee ykn namoota shoora ol’aanaa bahaniif kan kennamu yoo tahu, badhaasa bara 2019 Muummicha Ministeera Ityoophiyaa Dr Abiy Ahmad dabalatee namoonni 3 kadhimamuu Chatham House beeksiise.

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad wal dhabbii Ityoophiyaa fi Eertiraa jidduu ture furuuf tarkaanfii cimaa fudhateen, Kaabinee mootummaa keessatti dubartoota heddu muuduun, tarkaanfii hidhamtoota siyaasaa hiikuuf fudhate fi walumaa galatti jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti hooggansi isaa waggaa tokko keessatti argamsiiseen, gaanfa Afrikaa keessatti abdii nageenya akka mul’atu sochii godheef kan kaadhimame tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button