header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan Markaba Biriteen Galoo Galaana Parshiyaa keessatti qabuu beeksiste

Humni eeggumsa Warraaqsa Iiraan Markaba Biriteen seeraan ala boba’aa fe’attee daangaa galaana biyyattii keessa qaxxaamuraa turte hojjattoota 23 waliin too’annaa jala olchuu beeksise. Kaampaaniin Markaba Stena Impero jedhamtutis, Markabni isaa Jum’aa har’aa qarqara Kaaba Iiraan eega geettee booda achi buuteen dhabamuu beeksise.
Ministeerri Ittisa Briteen gama isaatiin dhimmicha irratti odeeyfannoo dabalataa kan walitti qabaa jiru tahuu ibsuun, yeroo gabaabaa keessatti tarkaanfii barbaachisaa kan fudhatu tahuu ibse.

Iiraan haaluma wal fakkaatuun markaba biyya biroa boba’aa litira miiliyona tokko fi hojjattoota 12 fe’attee imalaa turte Alhada darbe kan qabde tahuu ibsitee turte.

Gama birootiin ammoo Ameerikaan guyyaa kaleesaa Droonii Iiraan tan markaba waraanaa baha jiddu gala keessatti argamtu basaasaa turte rukuttee kuffisuu himte. Haata’u malee mootummaan Iiraan drooniin tokoollee nu jalaa hin rukutamne jechuun haale.

 

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button