header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Komishiinni Daldala Federaala Ameerikaa, Dhaabbata Facebook Dolaara biiliyoona 5 adabe

Kaampaaniin Facebook daataa maammiltoota isaa qaama sadaffaaf dabarsee kennuun eega himatamee booda, Komishiinni Daldala Federaala Ameerikaa dhaabbaticha irratti qorannoo jalqabee ture. Haa ta’u malee dhaabbanni Facebook iccitii maamiltootaa dabarsee kennuu amanuun,  adabbii Doolara biiliyoona 5 kafaluudhaaf,  Komishiinni Daldala Federaala Ameerikaa ammoo qorannoo jalqabe akka addaan kutu walii galtee irra kan gahan tahuuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Dabalataanis dhaabbatichi boordii iccitiin maamiltoota eeggamuu too’atu  akka hundeessu, akkasumas hogganaan dhabbatichaa ji’a sadi sadi’iin eeggumsa iccitii maamiltoota irratti Komishiina Daldala Federaala Ameerikaatiif  gabaasa akka dhiheessu kan murtaahe tahuun beekamee jira.

 

Dhaabbanni Facebook kanaan dura daataa maammiltoota miiliyoona hedduu,  kaampaanii Cambridge Analytical jedhamuu dabarsee kennuun isaa eega saaxilamee booda dhiifama gaafatee ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button