header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii Waajjira Kantiibaa Magaalaa Maqdishoo keessatti raawwatameen qondaaltonni biyyattii heddu madaahuu gabaafame

Qondaalli Poolisii Somaaliyaa Kolonel Muhammad Abdi AP’f akka himetti, har’a waaree booda qondaaltonni mootummaa dhimma nageenyaa irratti osoo mari’ataa jiran, namtichi boombii ofirratti hidhate gara galmaa seenuun kan dhoose tahuu ibse.

Haleellaa kanaan Kantiibaa magaalaa Maqdishoo Abdurrahmaan Umar Usmaan dabalatee,  qondaaltonni magaalattii heddu kan madaayan tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Somaaliyaatti itti gaafatamaan UN waajjira kantiiba keessa kan ture tahus, haleellaa kun rawwatamuun duratti waajjirichaa kan bahe tahuun beekamee jira.

 

Dhiheenya kana haleellaan akkanaa kun Somaaliyaa keessatti heddummaataa kan dhufe yoo tahu, torbaan tokko dura hidhattoonni biyyattii boombii konkolaataa irratti kiyyeeffameen haleellaa magaalaa Kismayo keessatti raawwataniin,  gaazexeessituu beekkamtuu Hodan Naleyah dabalatee namoonni 26 ol ajjeefamuun ni yaadatama.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button