Sagantaa Fataawaa Nuuralhudaa
Sagantaan Fataawaa Nuuralhudaa Baatii May, Bara 2016 eegalame. Sagantaa kana keessatti gaafilee dhageeffattootaa kuma heddu tahan keessummeessinee; deebisaa ulamaa’ii hordoftoota keenyaaf dhiheessaa turree jirra. Haaluma wal fakkaatuun, websaayitiifi Application Nuuralhudaa irrattis; deebisaa ulamaa’ii barruufi sagaleen qopheessinee jirra. Hayyama Rabbii guddaatiin sagantaa kana fuulduraaf haala amma jiru kanarra daran fooyyessinee dhiheessuuf hojii cimaa irra kan jirru yoo tahu, hojii qulqullina qabu isin biraan gahuuf yeroo muraasaaf sagantaa kana addaan kutuun dirqama nutti tahee jira. In shaa ALLAAH yeroo dhihootti sagantaa fooyya’ina qabu bifa bareedaan qabannee walitti deebina. Hangasitti sagantaan gaachana islaamaa kan guyyaa Arba’aa isinii dhihaataa ture, torban kana irraa eegalee gara guyyaa kamisaatti jijjiirama. Yeroo gaafii fataawaa keessummeessuuf qophii xumurretti, beeksisa kallattii hundaan kan maxxansinu tahuu kabajaan isin beeksisna.
Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa