header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee tarkaanfii seeraan alaa Masjidoota diiguuf fudhatamaa jiran Balaaleeffate.

 Isniina dabre Adooleessa 15/2011 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Laaftoo araddaa 01tti kan argamu Masjidni Hijraa ajaja Hogganaa ajensii manneen aanichaa kan ta’e Obbo Amaan Kidaaneetiin diigame.
Hoggantoonni Mana Marii Dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa iddoo Masjidni irraa diigame dhaqanii laaluun ‘tarkaanfiin fudhatame seeraan ala’ jechuun balaaleeffatan.
Hoggantoonni mana marichaa iddoo Masjidaa dhaquun ilaalan kunneen tarkaanfii fudhatame kana waajjirri haqaafi qajeelfamni poolisii aanichaa kan quba hin qabne tahuu Majlisa aanichaa irraa mirkaneeffatan.
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Obbo Takkalee Uumaa kanaan dura manneen amantaa ilaalchisee hanga rakkooleen jiran furmaata argatanitti tarkaanfiin tokkolleen akka hin fudhatamne ajaje ture.
Ajaja kantiibichaa dabruun tarkaanfiin seeraan alaa fudhatame jijjiirama argame kana gufachiisuu dandaha waan ta’eef qaamni dhimmi ilaallatu namoota gocha kana raawwatan akka qoratu hoggantoonni mana marichaa gaafatan.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button