header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Kaabaa Nayjeeriyaa keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni 65 ajjeefaman

Kaaba Baha Nayjeeriyaa kutaa Borno keessatti haleellaa guyyaa kaleessaa hidhattoonni ummata sirna awwaalchaa irra ture irratti raawwataniin,  yoo xiqqaate namoonni 65 ajjeefamuu qondaaltonni biyyattii beeksisan. Dabalataanis manneen jireenyaa heddu ibiddaan kan barbadaayan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Qondaalli kutaa Borno akka jedhanitti, haleellaan kun duula dhiheenya kana hawaasni naannicha hidhattoota Boko Haram  irratti jalqabe haaloo bahuuf kan raawwatame tahuu mala shakkii jedhu kan qaban tahuu ibsan. Haata’u malee haga ammaatti qaamni haleellaa kana itti gaafatamummaa fudhate kan hin jirre tahuu Royters gabaase.

 

Prezdaantiin Nayjeeriyaa Muhammadu Buharii haleellaa kana balaaleffatuun,  humni qilleensaa fi waraana lafoo biyyattii  hidhattoota ajjeechaa kana raawwatan akka adamsan ajaja dabarse.

Haleellaa Nayja1

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button