header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xiyyaarri waraana Paakistaan naannawa manneen jireenyaa irratti kufe  lubbuu namoota 17 ol galaafate

Xiyyaarri Waraana Paakistaan naannawa magaalaa Rawalpiindii keessatti ganama har’aa leenjii irra ture manneen jireenyaa irratti kufuun,  yoo xiqqaate lubbuun nama 17 kan dabre tahuu qondaaltonni biyyattii beeksisan. Namoota du’an jidduu irra hedduun warra mana jireenyaa keessa ture tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Dabalataanis namoonni 15 ol kan madaayan yoo tahu, manneen jireenyaa naannoo xiyyaarichi irratti kufe turan ibiddaan gubachuu beekamee jira. Waraanni Paakistaan ibsa baaseen, Paayileetota lama dabalatee loltonni 5 fi siviilonni  12 balaa kanaan du’anii jiru jedhe.

 

Qondaaltonni lubbuu baraaraa turan akka jedhanitti ammoo,  miidhaa cimaa namoota irra gaheen wal qabatee lakkoofsi namoota du’anii dabaluu mala.

Balaa Xiyyaara Pakistaan

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button