header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Suudaan walii galtee nageenyaa biyyattii keessatti mallatteefameef Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa galateeffate

Ministeerri Haajaa Alaa Suudaan biyyittii keessatti mootummaan ce’uumsaa karaa nagayatiin akka hundeeffamu, deeggarsa Ityoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa godhaniif ilaalchisee kaleessa sirna galateeffannaa kan qopheesse tahuun beekamee jira.

 

Haaluma kanaan ergamaa addaa muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad kan ta’e Ambaasaaddar Muhammad Diriir, Suudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shifarraaw Jaarsoo fi  bakka bu’aan Gamtaa Afrikaa  Muhammad Hasan Labaat badhaasa mootummaan Suudaan qopheesseef fudhatanii jiru.

 

Ministeerri Haajaa Alaa Suudaan Umar Dahaab sirna galateeffannaa kana irratti, “Ityoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa marii araaraa fi adeemsa ce’umsaa geggeeffamaa ture keessatti gahee ol’aanaa bahanii jiru”jedhe.

 

Manni marii waraana Suudaan fi mormitoonni Sabtii dabre heera biyyattii ilaalchisee, walii galtee haaraya qaamolee lamaanuu gammachiise mallatteessuun isaanii ni yaadatama. Walii galteen araaraa kun mallattaayuun eega dhagahamee booda,  lammiileen Suudaan daandii irratti bahuun gammachuu isaanii ibsataa turan.

Ityoo_Suudaan1

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button