header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Suuriyaa Kaaba biyyattii keessatti naannawa sochii waraanaa irraa bilisa tahe hundeessuuf walii galtee Ameerikaa fi Turkiyaan mallatteessan kan hin fudhanne tahuu beeksise

Turkiyaa fi Ameerikaan Kaabaa Suuriyaa keessatti naannawa sochii waraanaa irraa bilisa tahe hundeessuuf kan walii galan tahuu guyyaa kaleessaa ibsanii turan. Ministeerri Raayyaa ittisa Turkiyaa fi Ankaaratti  bakka bu’aan waraana Ameerikaa marii booda ibsa kennanniin, haala nageenya naannoo Kaaba Suuriyaa waliin too’achuudhaaf, akkasumas baqattoota Suuriyaa gara qe’ee isaaniitti deebi’uu barbaadan deeggaruuf, buufata too’annoo waraanaa daangaa Suuriyaa fi Turkiyaa irratti hundeessuuf kan walii galan tahuu beeksisan.

 

Haata’u malee mootummaan Suuriyaa ibsa baaseen, murtiin biyyoota lamaanii kun birmaddummaa Suuriyaa kan cabsu waan taheef gonkumaa kan hin fudhanne tahuu beeksise.

 

Gama biraatiin ammoo, UN duulli mootummaan Suuriyaa waraana Ruusiyaatiin deeggaramuun kutaa Idliib keessatti haarayatti dhiheenya jalqabe, lammiilee biyyattii lola waggaa dheeraatiin miidhaman irratti ammas gaga’ama hamaa kan dabalaa jiru tahuu beeksise. Dhaabbatni mootummoota gamtoomanii akka jedhutti, lammiileen Suuriyaa miiliyoona sadi ol tahan kutaa biyyattii gara garaa irraa baqatuun Idliib keessa qubatanii kan turan yoo tahu, duula mootummaan Suuriyaa naannichatti amma jalqabe kanaan haala sodaachisaa keessa kan jiran tahuu ibse.

 

April dabre irraa jalqabee waraana mootummaa fi finciltoota jiddutti walitti bu’iinsa Idlib keessatti ka’een, yoo xiqqaate lammiileen Suuriyaa 500 ol kan ajjeefaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button