header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad Ayyaana Iidal Adahaa Sababeeffachuun ijoollee Yatiimotaa daaw’ate

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa waliin tahuun, mana barumsa Yatiimotaa Waldaa Qur’aanaa Ityoophiyaa jedhamuun deeggaramuutti argamuun, ijoollee haadhaa fi Abbaa hin qabne ziyaaran.

Waldaan kun yeroo ammaa kana ijoollee Yatiimotaa 1200 ol kan deeggaraa jiru yoo tahu, Dr Abiy daaw’annaa kana irratti hojii waldichi hojjataa jiru dinqisiifachuun, “hojii waldaan kun hojjataa jiru kana irraa barnoota fudhannee, osoo wal hin qoodin wal deeggarre hiyyummaa biyya keenya keessa balleessuu qabna”jechuun dhaamsa dabarfate.

Walitti qabaan waldichaa Haaj Muhammad Rajaa gama isaaniitiin, iddoon ijoollee itti barsiisaa jirruu dhiphaa wan ta’eef mootummaan akka deggarsa godhu gaafatan.

IMG_20190811_153227_488

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button