Odeeyfannoo
Godina Goondar Kibbaa keessatti Lagni Rib guutee dhangala’uun namaa fi qabeenya irratti miidhaa dhaqabsiise
Naannoo Amaaraa godina Goondar Kibbaa aanaa Liiboo Kamakamitti lagni Rib guutudhaan namaa fi qabeenya irratti miidhaan dhaqabuu odeeyfannoon ni mul’isa.
Laga guutee dhangala’e kanaan aanichatti manneen gandoota 8 keessatti argaman 2,203, akkasumas aanaa Fogaraatti gandoota 10 keessatti manneen 2,400 guutumaan guututtii bishaanin kan liqimfaman tahuun beekamee jira.
Dabalataanis, aanaalee lamaan keessatti lafti biqilaan ruuzii irratti argamu bishaaniin kan liqimfame tahuu Miidiyaan Naannoo Amaaraa gabaase.