EeshiyaaOdeeyfannoo
Mariin Nageenyaa Ameerikaa fi Xaalibaan Qaxar keessatti geggeessaa turan walii galtee malee xumurame
Ameerikaa fi Xaalibaan lola Afgaanistaan keessatti waggoota 18’f walirratti geggeessaa jiran goolabuuf, marii nageenyaa marsaa 8ffaa torbaan tokko dura Qaxr keessatti jalqabanii turan. Mariin guyyoota Saglan dabran magaalaa Doohaa keessatti geggeeffamaa ture kun walii galtee malee kan xumurame tahuun beekamee jira.
Dubbi himaan Xaalibaan Kaleessa galgala akka ibsetti, Mariin nageenyaa marsaa ammaa kun hanga guyyaa ayyaana Iidul Ad’haa Alhada dheengaddaatti kan itti fufe tahus, walii galteen nageenyaa osoo hin mallaattaayin xumurame jechuun hime.
Haata’u malee marii yeroo dheeraa fudhate kanaan, gamni lamaanuu tarkaanfiin itti aanu maal akka ta’u qabu qondaaltota ol’aanoon mari’atanii walitti deebi’uudhaaf kan walii galan tahuu ibsame.