header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhibeen Chikungunya jedhamu Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti babal’atuu ibsame

Hogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Dirree Dawaa Dr. Fu’aad Kadiir dhibee Chikungunya magalattii keessatti ka’e ilaalchisee ibsa har’a kenneen, hanga ammaatti mallattoon dhibee kanaa namoota 3,756 irratti kan mul’ate tahu ibsuun, biiroon fayyaa magaalattii weerara kana ittisuuf hojjataa jiraachuu beeksise.

 

Dr.Fu’aad akka jedhetti, mallattoon dhibee Chikungunya  dhibee Busaa waliin kan wal fakkaatu ta’uu isaatiin, lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii meeqa akka tahe hin beekamne. Haa ta’u malee qorannoo samuudaa 10 keessaa kan 4 Chikungunya  ta’uu  mirkanaa’uu hime.

 

Akka ibsa hogganaa Biiroo Fayyaa Dirree Dhaawaatti,  dhibeen Chikungunya bookee Edas jedhamtuun kan daddarbu yoo tahu, weerrarri dhibee amma magaalattii keessatti ka’es bookeedhaan, yookaan ammoo namni dhibee kanaan qabame gara magaalattii seenuun tahuu mala jedhe. Dhibeen kun kanaan duras naannolee Affaar, Somaalee, fi naannoo Kibbaa keessatti ka’ee akka ture ibsame.

 

Mallattoon dhibee Chikungunya;  hoo’i qaamaa dabaluu  fi dhukkubbii naannoo dachaafata qaama irratti mul’atu yoo tahu,  namni mallattoon akkanaa itti dhaga’ame gara mana yaalaa akka dhaqu waamichi godhame. Dabalataanis bookee dhibee kana daddabarsitu ofirraa ittisuuf hawaasni qulqullina naannoo akka eeggatu, yeroo hirriibaa Agoobara siree akka fayyadamu hogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Dirree Dawaa Dr.Fu’aad Kadir dhaame.

 

Dhuma irrattis weerara dhibee kanaatiin hanga ammaatti lubbuun namaa kan hin dabrin tahuus ibsamee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button