header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Mootummaan Xaaliyaan bidruuwwan baqattoota balaa galaana keessatti muudate irraa baraaraman fe’atanii biyyattii seenuuf yaalan dhoorkuu gabaafame

Bidruun Dhaabbata Faransaay Doctors without Borders jedhamuu baqattoota 356 galaana Meditraaniyaan irraa baraaraman fe’attee gara Xaaliyaan imalaa turte, daangaa galaana biyyattii akka hin seenne kan dhoorkamte tahuun beekamee jira. Haaluma wal fakkaatuun bidruun dhaabbata Ispeen Open Arm jedhamuutis baqattoota 150 balaa galaanaa irratti muudate jalaa baraaraman fe’attee  gara Xaaliyaan geessuuf yaaltus kan dhoorkamte tahuu ibsame.

 

Haaluma kanaan bidiruuwwan lamaan baqattoota balaa irraa baraaraman akkuma fe’atanitti qarqara Xaaliyaan Galaana Meditraaniyaan irratti kan ugguraman yoo tahu, mootummaan xaaliyaan baqattoonni bidiruu irraa akka hin buune kan dhoorke tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Itti aanaan muummicha ministeera Xaaliyaan Matteo Salvini bidiruuwwan baqattoota fe’atan ilaalchisee ibsa kenneen, Xaaliyaan kana booda baqattoota karaa seeraan alaatiin dhufan gonkumaa ofitti hin fudhattu jechuun beeksise.

 

Xaaliyaan baqattoota seeraan ala Liibiyaa irraa meeditraaniyaan qaxxaamuruun gara Awrooppaa seenan keessummeessaa kan turte tahus, yeroo dhihoo asitti garuu bidiruuwwan lubbuu baraaranitti buufata cufuun, baqattoonni seeraan alaa haala kamiinuu gara biyya isii akka hin seenne ugguraa jirti.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button