header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Chaayinaan mormii Hong Kong keessatti ka’e ukkaamsuuf humna poolisii dabalataan gara bulchiinsa magaalattii ergite

Jirraattonni Bulchiinsa Magaalaa Hong Kong, mootummaan Chaayinaan dhimma magaalattii keessa seenuu hin qabu jechuun, mormiin torbaan tokko dura jalqaban cimee kan itti fufe yoo tahu, Poolisiin magaalattii ammoo mormitoota irratti tarkaanfii humnaa kan fudhataa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Mormii kana hordofuun Buufanni Xiyyaara Hong Kong guyyaa lamaaf cufamee ture kaleessa hujii kan jalqabe tahus, Poolisiin magaalattii kaleessa galgala namoota naannoo buufata Xiyyaaraatti hiriira bayan bittineessuuf yaalii godheen mormitoonni heddu kan miidhaman tahuun beekamee jira.

Mootummaan Chaayinaa mormii Hong Kong keessatti ka’e kana humnaan ukkaamsuuf jecha Poolisoota kumaatamaan lakkaahaman gara magaalatti kan erge yoo tahu, kana booda namoota hiriira bayan irratti tarkaanfii fudhachuuf mana murtii irraa waraqaa ajajaa akka argate beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button