header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Israa’el dubartoota miseensa Kongirasii Ameerikaa lama gara biyyattii akka hin seenne uggurte

Dubartoonni Miseensota Kongirasii Ameerikaa tahan Rashiidaa Xaalibii fi Ilhaan Umar sabtii dhftu affeerraa dhaabbilee mirga namoomaatiin gara dachii Falsxiinotaa Israa’el humnaan qabatteetti imaluun, Westa Bank fi dachii Falasxiinotaa Israa’el humnaan qabatte daaw’achuuf karoorfatanii turan. Dubartoonni lamaan mootummaa Israa’el hadheeffatanii qeequun kan beekaman yoo tahan, karoorri daaw’annaa qondaaltota lamaanii eega ifa tahee booda, mootummaan Israa’el  Jalqaba irratti “kabajaa kongirasii  Ameerikaatiif qabnuuf jecha gara biyyattii akka seenan ni hayyamna”jedhee ture.

 

Haaluma kanaan mootummaan Israa’el Khamisaa har’aa hayyama daaw’annaa miseensota Kongirasii Ameerikaa lamaanii irratti murtii xumuraa kan kennu tahuu ibsee ture. Haata’u malee guyyaa har’aa Prezdaant Traamp, “Israa’el Rashiidaa Xaalib fi Ilhaan Umar gara biyyattii akka seenan yoo hayyamte, mootummaan biyyattii hedduu dadhabaa tahuu agarsiisa”jechuun Twitter irratti eega barreessee booda, Benjamiin Netaaniyaahuu kaabinee isaa waliin dhimmicha irra deebiin ilaaluuf kan murteesse tahuu ibse.

 

Murtiin mootummaa Israa’el kun miseensota paartii Dimokraatotaa fi dhaabbilee yahuudotaa Ameerikaa keessa jiran heddu kan mufachiise tahuu gabaafame. Miseensonni Paartii Dimokraatotaa heddu mootummaan Israa’el qondaaltota Ameerikaa sababa kamiinuu biyyattii akka hin seenne ugguruun,  Ameerikaaf kabajaa dhabuudha jechuun qeeqan. Dhaabbileen Yahuudotaa gama isaaniitiin qondaaltota Ameerikaa Israa’el qeequu isaaniitiif gara biyyattii akka hin seenne ugguruun kan isaan gaddisiise tahuu ibsuun, bulchiinsi Netaaniyaahuu murtii isaa akka jijjiiru gaaftan.

 

Rashiidaa Xaalib maatii Falasxiinotaa irraa Ameerikaa keessatti kan dhalatte yoo tahu, ilhaan Umar ammoo waggaa 20 dura baqattummaan Somaaliyaa irraa gara Ameerikaa seente.  Rashiidaa fi Ilhaan akkasumas dubartoonni miseensota Kongirasii Ameerikaa kanneen biroo lama Prezdaant Traamp waliin falmii hamaa keessa kan jiran tahuun ni beekama.

 

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button