Gamtaan Mormitoota Suudaan Dr. Abdallaah Hamdok muummicha ministeera yeroo ce’umsaa akka tahu kaadhime

Gamtaan mormitoota Suudaan ogeessaa diinagdee beekamaa Dr. Abdallaah Hamdok, waggoota sadan dhufaniif muummicha ministeera yeroo ce’umsaa tahuun biyyattii akka hogganu kan kaadhime tahuu beeksise.
Dr.Abdallah Hamdok UN keessatti xiinxallaa ol’aanaa imaammata diinagdee tahuun waggaa dheeraaf nama hojjate yoo tahu, muuxannoo fi walitti dhufeenya gaariin Dr. Hamdok gamtaa Afrikaa fi UN waliin qabu kun, biyyattii gra dimokrasiitti ceesissuuf kan isa gargaaru tahuu lammiileen Suudaan Roytersiif himan.
Manni maree waraanaa yeroo ammaa Suudaan bulchaa jiruu fi Gamtaan Mormitootaa Declaration of Freedom and Change (FDFC) jedhamu, walii galtee qoodiinsa aangoo yeroo ce’uumsaa isa xumuraa Sabtii boruu ni mallatteessan jedhamee eegama. Sirna mallattoo kana irratti muummicha ministeera Ityoophiyaa Dr.Abiy Ahmad dabalatee hoggantoonni biyyota biroo kan argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Akka walii galtee kanaan dura mallattaayetti, manni maree walabaa mootummaa ce’umsaa Suudaan hogganu, miseensota sivilii jahaafi Jeneraaloota shan hammatu Alhada dhuftu eega hundeeffamee booda, muummichi ministeeraatis kan muudamu taha.
Kaadhimamaan muummicha ministeeraa Dr. Abdallah Hamdok bara dabre Prezdaantii Suudaan duraanii Umar Al-Bashiiriin ministeera Faayinaansii tahee akka tajaajilu kan muudame tahus, Dr. Hamdok muudama san kan dide tahuu AFP’n gabaase.