header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Xiyyaronni Waraana Raashiyaa fi mootummaa Suuriyaa Idlib keessatti raawwataniin namoonni nagayaa 20 ol ajjeefaman

Mootummaan Suuriyaa michuu isaa Raashiyaa waliin tahuun,  duula dhiheenya kana kutaa Idlib kan to’annaa garee mormitoota jala jiru keessatti jalqabe hammeessee  kan itti fufe yoo tahu, xiyyaaronni mootummaa Bashaar Al-Asaad haleellaa Sabtii har’aa magaalaa Algeeyir Al-Sharqi jedhamtu keessatti raawwataniin, yoo xiqqaate namoonni nagayaa 6 kan ajjeefaman tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Haaluma wal fakkaatuun guyyaa kaleessaa ammoo haleellaa  xiyyaaronni waraana Raashiyaa achuma kutaa Idlib ganda Hassi jedhamu keessatti raawwataniin,  namota nagayaa 14 ajjeessuun 20 ol ammoo kan madeessan tahuu gabaafame.

 

Raashiyaa fi Turkiyaan September dabre kutaa Idlib keessatti naannawa sochii lolaa irraa bilisa tahe hundeessuuf kan walii galan tahus, dhiheenya kana garuu naannichatti walitti bu’iinsi kan hammaataa dhufe tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Gabaasni UN irraa argame akka mul’isutti, yeroo ammaa lammiilee Suuriyaa kutaa biyyattii gara garaa keessaa buqqifaman dabalatee ummata miiliyoona 4 tahutu Idlib keessa jiraata.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button