header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

“‹”‹Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa magaalaa kabajamtuu Makkaatti marii godhan

Marii guyyoota 2f geggeeffame kana irratti Prezidaantii Mana Marii Ulamaa’ota Ityoophiyaa Muftii Haaj Umar Idiriis, itti aanaa Prezidaantii Mana Marii Ulamaa’ota Ityoophiyaa Dr Jeylan Haaji Khadiir dabalatee, ulamaa’oolnni gurguddoon biyya Keenyaa biyya irraa, akkasumas biyyoota Addunyaa garagaraa irraa sirna Hajjii bara kanaaf gara Sa’udii imalan irratti hirmaatanii jiran.

Kayyoon marii kanaa guddaan Ulamaa’ota wal barsiisuufi hariiroo bareedduu isaan jiddutti umuuf yoo tahu, Prezidantiin Mana Marii Ulamaa’ota Ityoophiyaa Muftii Haaj Umar Idiriis ‘tokkummaa keessaan cimsaa! Ummata isin hordofuuf fakkeenya gaarii tahaa’ jechuun hirmaattotaaf dhaamsa dhaaman.

Itti aanaan Prezidantii Mana Marii Ulamaa’oota Ityoophiyaa Dr Jeylan Haaj Khadiir gama isaaniitiin ‘ummanni Muslimaa amma booda jechoota 2 ofirraa dhiisuu qaba! Jechoota Salafiyyaafi Suufiyyaa jeettu ofirraa fageessuu qaba. Maqaa Rabbiin ittiin nu yaame Muslimoota jannee of yaamuu qabna’ jedhan.

Waltajjiin akkasii kan Ulamaa’onni biyya keenyaa tokkummaan irratti argamanii irratti wal baratan kana dura kan qophaa’e hin beekne fi kan Jalqabaa yoo ta’u, hala bareedaan geggeeffame guyyaa har’a goolabame jira.
#Marii_Ulamaaota

5 Comments

  1. maashaallah tabarakkallah maashaallah tabarakkallah rabbi umari nufi haa dheresuu Olommaotta tanya

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button