header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bakka bu’oota hawaasa muslimaatiif leenjiin hubannoo tajaajila gumaata dhiiga kenname

Leenjii Waldaan gargarsaa fi misoomaa Mustaqbal, Tajaajila Baankii Dhiigaa Biyyoolessaa waliin tahuun hoteela Kontinentaalitti qopheessan kana irratti, Ministerri Fayyaa Federaalaa Dr. Amiir Amaan, bakka bu’aan Prezdaantii Mana Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Sheikh Sa’id Musxafaa, Prezdantii mana marii dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee Sheikh Sulxaan Amaan argamun dhaamsa dabarfatanii jiru. Dabalataanis bakka bu’oonni hawaasa muslimaa 150, akkasumas Imaamman masjiidotaa fi hoggantoonni mana marii kutaa magaalaa Finfinnee gara garaa leenjii kana irratti hirmaatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Kaayyoon sagantaa kanaa guddaan, bakka bu’oota hawaasa muslimaa sagantaa kana irratti argamanii fi hawaasa muslimaatiif, dhiiga gumaachuu ilaalchisee leenjii hubannoo keennuu fi tajaajila gumaata dhiigaa kana irratti hawaasni akka hirmaatu maaltu godhamuu qaba kan jedhu irratti marii godhuuf yoo ta’u, haaluma kanaan mariin kun milkiin geggeeffamuu ibsame.

Waldaan gargaarsaa Mustaqbal hojii gargaarsaa gosa hedduu raawwachuun kan beekamu yoo tahu, ji’a tokko boodaa duula gumaata dhiigaa marsaa 15ffaa geggeessuuf karoorfateen, ummata lakkoofsaan hedduu ta’e hirmaachisuuf kan qophaayaa jiru tahuu ibse.
#Mustaqbal

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button