AfrikaaOdeeyfannoo

Manni marii mootummaa ce’umsaa Suudaan har’a muummicha ministeeraa muuduun hujii jalqabe

Manni marii mootummaa ce’umsaa guyyaa har’aa hoggansa biyyattii mana marii waraana Suudaan irraa fudhate kun,  “Mana Marii Birmadummaa Suudaan”jedhamee  moggaafame. Miseensota mana marichaa jidduu 5 qondaaltota waraana biyyattii yoo tahan, 6 ammoo siviilota tahuun beekamee jira.

 

Akkaatuma walii galtee kanaan dura mallattaaheetiin,  hogganaan mana marii waraana biyyattii duraanii  Jeneraal Abdulfattaah Al-Burhaan mana marii haaraya hundaaye ji’oota 21 dhufaniif akka hogganu kan filatame yoo tahu, sana booda  waggaa tokkoo fi ji’oota jahan itti aanan ammoo miseensota mana marichaa warra siviilotaa irraa namni filatamu,  hanga filannoon geggeeffamutti  mana marichaa kan hogganu taha.

 

Torbee dabre gamtaan mormitootaa  Dr. Abdallaah Hamdok muummicha ministeeraa mootummaa ce’umsaa akka tahuu kan filate yoo tahu, haaluma kanaan manni marichaa har’a waaree booda muudama muummicha ministeeraa kan raggaasise tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Muummichi ministeeraa torbaan sadi keessatti Kaabinee ministeerota miseensota 20 qabu kan hundeessu yoo tahu, aangoon ministeera Ittisa biyyaa fi ministeerradhimma biyya keessaa garuu qondaaltota waraanaatiif kan kenname tahuun beekamee jira.

 

Haaluma wal fakkaatuun seera tumtoonni mootummaa ce’umsaa 300 siviilota irraa yeroo gabaabaa keessatti  ni hundeeffamu jedhamee eeggama.

 

 

 

 

 

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button