header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma barnoota Afaan Oromoo irratti xiyyeeffannan kan hojjatu tahu ibse.

Dhimmi barnoota Afaan Oromoo, dhimma mariif hin dhiyaanne. Guddina afaanichaaf xiyyeeffannoo addaatin kan hojjetu tahuu Itti aanaan Prezidantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa beeksise. 

Ibsa Ministeerri Barnootaa caaseeffama barnoota biyyattii ilaalchisee kenneen wal qabatee, odeeffannoon Afaan Oromoo waliin deemu gonkuma qabatama jiru hin ibsu.
Dhimma barnoota afaanii irratti araaramni tokkolleen akka hin jirre ummanni keenya hubachuu qaba jedhe.

Angoon waajjira manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa bulchuu, Sirna barnootaa qopheessuu, qormaata kutaa 8ffaa qopheessuufi  qabxii murteessuu, aangoo bulchinsa naannootiif kenname. Kanatti eenyulleen bu’uu hin danda’u. Barnoonni Afaan Oromootiin kennamu akkuma kanaan duraa kan itti fufu tahu ibse.

‘Mootummaan Naannoo Oromiyaa barnoota Afaan Oromoo guddisuuf hojii hojjetu daran baballisee, bakka kanaan dura hin dhaqqabinillee akka itti baratamu taasisuuf hojjechaa jira.  Akkasumas Manneen barnoota dhuunfaa Naannoo Oromiyaatti kaarikulamii naannichaatiin ala hojjetan irrattiis mootummaan naannichaa barana tarkaanfii cimaa fudhatee kan sirreessu ta’us ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button