header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Bosonni Amaazoon gubataa jira.

Bosona guddicha dachii tanaa Amaazoonitti belbelli ibiddaa eegi qabatee bubbulee jira . Belbelli ibiddaa bosona kanatti wagga waggaan ka’uun haarawaa miti. Haa ta’u malee kan ammaa kun sadarkaa yaaddeessaa irra gahee jira.

Balaan ibiddaa naannichatti mudatte heddummaachuun jalqaba ji’a Kanaa mootummaan Biraaziil labsii yeroo hatattamaa labsee ture.

Waggaa kana keessa qofa balaan ibiddaa 73,000 gahu naannichatti mudatuu, gabaasni Wiirtuu Qorannoo Hawaa Biraaziil irraa bahe ni mul’isa. Kun immoo balaa ibidda bara 2018 ka’e 83% caala. Eega bara 2013 balaan akkasii naannichatti ka’ee kan hin beekne tahuu Rooyters gabaase.

Ka’umsi Ibidda Kanaa maali?

Bosonni Amaazoon bosona akkaan jiidhaatti, Ji’a July hanga August yeroon jiru naannichaatti waqtii Caamaati. Roobni naannichaa dhaabaamuun kun immoo belbela ibiddaa kana kan hammeessu tahuu, Ejensiin Qorannoo hawaa Federaala Ameerikaa(NASA) ibse.

Namoonni naannicha qubatan lafa dheedaafi qonnaa babaldhifachuuf jecha bosonatti ibida qabsiisan, Kunis bosonni akka gubatuuf kan saaxile tahuutu himama.

Amaazoon

Prezidaantiin Biraaziil Jair Bolsonaro ‘sababa dhaabbiilee gargaarsaa(miti-mootummaa) irraa tarkaanfii kaffaltii duraan kaffalamuufii ture dhiifneef haloo bahuuf qabsiisan’ jechuun dhaabilee gargaarsaa yakke. Haa tahu malee ragaa qabatamaan tokkolleen waan hin argamiiniif deebi’ee mormate.

c8833863df479b5425f4e41543ff6aee

Dhaabbanni dhunfaa Green peace jedhamu kan biyya Biraaziil immoo, ‘imaammanni Prezidantii hareessa Braziil kan amma aangoo harkaa qabuu; kunuunsa naannootiif xiyyeeffannaa hin qabu. Kanaaf balaan ibiddaa kun hammaataa dhufe’ jechuun bulchiinsa Jair Bolsonaro qeeqan.

Dhiibbaan Jijjiirama Qilleensaa irratti Fidu maal?

Dhaabbanni Green peace ‘akkaatuma ibiddi kun dabalaaa deemuun, qilleensi faalamaa deema! Kun immoo ho’i akka dabaluuf sabaaba taha. Ho’i yoo dabale immoo Roobni ni dhabama! Kun immoo balaa hongee hamaaf naannicha saaxila’ jedha.

Haga ammaatti miidhan gahe maal?

Euro News, suuraa Saatalaayitii irraa argate wabeeffachuun akka gabaasetti, ibiddi bosona Amaazoon kutaa Biraaziil tti argamu irraa ka’e, kutaa bosona Amaazoon Rondonia, Para fi Mato Grosso dabalatee iddoowwaan hedduu bosonichaa kan waliin gahe tahuu ibse.

d3e0bf3ec7157dc054e3b9478718a482 (1)

Gubachuun Bosona Amaazoon Biraaziil fi naannawa isii bira dabree guutuu addunyaa miidha sooda jedhuutu jira. Roobni Bosona Amaazoon irraa argamu, faalamuu qilleensaa kan rakkoo addunyaa tanaa guddaa jedhamee himamuuf qileensa hin faalamin qulqulluu 20â„… kan gumaachu tahuutu himama. Kanuuma hordofuun Amaazoon SOMBA pilaaneetii tanaa(Lungs of the planet) jechuun wamama.
Dhaabbanni Metrooloojii Addunyaa guyyaa kaleessaa fuula Twitter isaa irratti, ibidda kana hordofuun faalamni qilleensaa guddaan naannichatti kan dhalate tahuu ibse.

Belbelli ibiddaa kun Hagam gaha?

Haga Kamiisa kaleessaatti sa’aatii 48 tti, bosona Amaazoon kutaa Biraaziil tti argamutti qofa iddoowwaan 2,500 olitti ibiddi kun kan qabate tahuu gabaasni BBC’n hardha baase ni mul’isa.

Odeyfannoon ogeessi meetrooloojii gamtaa Awurooppaa Eric Holthaus fuula Twitter isaa irratti baase, dachee Biraaziil walakkeessi aaraan haguugamuu dubbate.

Gubachuu Bosona Amaazoon ilaalchisee Addunyaan maal jechaa jiru?

Muummichi ministeera Ayeerlaandi Leo Gara si fi Imaanu’el Makroon, Biraaziil ibidda Bosona Amaazoonitti qabate kana tarkaanfii dhaamsuuf tattaaffii guddoo kan hin goone yoo ta’e, walii galtee daldala biyyoota Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa Kibbaa jiddutti godhamu irratti sagalee kan dhoorkatan tahuu ibsan.

Mummichi ministera Ayeerlaand Varadkar ‘Biraaziil wadaa eeggumsa faalama qilleensaa seentee turte kan hin kabajne yoo ta’e, walii galtee daldala kaffaltii malee Gamtaan Awurooppaa fi Ameerikaa Kibbaa jiddutti godhamuuf Ayeerlaand gonkumaa sagalee hin kennitu’ jedhe.

Mummichi ministeraa Faransaayi Imaanuel Makroonis gama isaatiin, ijjannoon Prezidantiin Biraaziil dhimma faalama qilleensaa irratti naaf hime ture dhara tahuu amanee jira. Faransaayis akkuma Ayeerlaand walii galtee daldala kaffaltii alaa Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa Kibbaa jiddutti godhamu irratti sagalee hin kennitu jedhe.

Ibiddi Bosona Amaazooniitti qabate kun Addunyaa yaaddeessu miidiyaaleen Addunyaa gabaasa jiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button