header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Barnootaa caasaan barnootaa haarayatti qophaahe heera biyyattii kan hin cabsine tahuu beeksise

Caasaa sirna barnootaa ministeerri barnootaa torbee dabre baase hordofuun, caasichi  kan sirna Federaaliziimii cabsu komiin jedhu,  biiroo barnootaa naannolee fi ummata irraa ka’uu ni yaadatama. Ministeerri barnootaa dhimmoota komiin irratti ka’e ilaalchisee har’a ibsa kan kenne yoo tahu, walumaa galatti caasaan barnootaa haarayatti qophaaye sirna Federaalizimii hin cabsu jedhe.

 

Ministeerri Barnootaa Dr. Xilaayee Geetee akka jedhetti, dhimmoota caasaa haaraya kan dur irraa adda godhan  jidduu tokko, manneen barnootaa hundatti barumsa idilee duratti yoo xiqqaate waggaa tokkoof barumsi addaa daa’immaniif kan kennamu tahuu ibse.

 

Dabalataanis Dr. Xilaayeen akka jedhetti,  barumsi Seenaa fi Ji’ografii duudhaa fi beekumsa ummataa irratti hundaayee kan qophaahu ta’a .

 

Itti aanaan ministeera barnootaa Obbo Garramaw Hulluuqaa gama isaatiin, kutaa 1-8 barnoonni Afaan dhalootaatiin kan kennamu akka ta’ee ibsuun, Afaan hujii Federaalaa ammoo akka gosa barnootaa tokkootti  naanolee hunda keessatti akka kennamu yaadni kan dhihaate tahus, aangoon kana murteessuu garuu guutumatti kan naannoleeti jedhe.

Haaluma kanaan caasaan barnootaa qabxiilee 36 of keessaa qabu qophaa’ee,  murtiidhaaf mana marii ministeerotaatiif kan ergame tahuu ibsame.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button