header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xaalibaan mariin nageenyaa Ameerikaa waliin geggeessaa jiru walii galteen xumuramuuf kan dhihaate tahuu ibse

Xaalibaan fi Ameerikaa marii nageenyaa marsaa saglaffaa Qaxar magaalaa Dohaa keessatti kan geggeessaa jiran yoo tahu, mariin ammaa kun lola Afgaanistaan keessatti waggaa 18 guutuu geggeeffama jiru walii galtee arraraatiin goolabuuf  kan dhihaate tahuu ibsame.

 

Dubbi himaan damee Siyaasa Xaalibaan kan waajjira Dohaatti  argamuu Suheeyil Shahiin kaleessa Aljaziiraaf akka himetti, “mariiin nageenyaa  Ameerikaa waliin geggeessaa jirru walii galteen goolabuuf sadarkaa dhumaa irra geennee jirra” jedhe. Kana booda wanti hafe  haala raawwii walii galtee nageenyaa irratti marii geggeeffamu qofa tahuu ibse.

 

Dhimmi ijoo marii nageenyaa  gama garee Xaalibaaniin,  loltoonni Ameerikaa fi biyyoota biroo Afgaanistaan keessaa akka bahan kan jedhu yoo tahu, Ameerikaan ammoo hidhattoonni  biyya alaa kana booda Afgaanistaan keessa akka hin maan’dheffatanne,  gareen Xaalibaan itti gaafatamummaa akka fudhatu kan gaafataa jirtu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Ameerikaa fi Xaalibaan dhimmoota ijoo lamaan irratti walii galtee yoo kan malllatteessan tahe, adeemsi itti aanu Xaalibaan fi mootummaan Afgaanistaan haala aangoo itti qooddatan irratti marii ni jalqabu jedhamee eeggama. Haata’u malee gareen Xaalibaan  mootummaan Afgaanistaan aangoo harkaa qabu ergamaa biyyoota lixaati jechuun, marii tokkollee isa waliin geggeessuuf fedhii kan hin qabne tahuu irra deddeebi’ee ibsaa ture.

Xaalibaan du

 

 

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button