header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Suudaan duraanii Umar Al-Bashiir doolara miiliyoona 25 Muhammad Bin Salmaan irraa fudhachuu amane 

 

Prezdaant Umar Al-Bashiir yakka maallqa biyyoota alaa seeraan ala mana jireenyaa keessatti kuusuu fi karaa seeraan ala taheen biyyoota gara garaa irraa kennaa fudhachuun kan himatame tahuun ni beekame. Haaluma kanaan prezdaantichi eega April dabre taayitaa irraa fonqolchamee booda, har’a yeroo sadaffaaf mana murtiitti kan dhiyaate tahuu gabaafame.

Poolisiin biyyatti qorannaa gaggeessaa ture guyyaa kudhan dura mana murtiitiif akka himetti, “Prezdaant Umar Al-Bashiir yeroo gara garaatti maallaqa Doolara miiliyoona 90 maatii warra Malika Sa’uudii irraa kan kennameef tahuu amanee jira”jedhe. Maallaqa kana jidduu dhaaltuun gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan doolara miiliyoona 25, bajata mootummaatiin alatti akka itti fayyadamuuf kan ergeef tahuu prezdaant Umar Al-Bashiir qorattoota yakkaatiif akka hime qondaalli Poolisii Birgedar Ahmad Ali mana murtiitiif ibsee ture.

Haa ta’u malee dhaddacha dabre irratti Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir yaada isaa kan hin ibsatin tahus, dhaddacha mana murtii Kaartuum guyyaa har’aa oole irratti garuu Prezdaantichi doolara miiliyoona 25 kan dhaaltuu gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan irraa ergameefii ture fudhatuu isaa kan amane tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Al-Bashiir har’a mana murtiitti “Wajjira Muhammad Bin Salmaan irraa itti gaafatama waajjira kiyyatiif , ‘kennaan Jeettii dhuunfaatiin dhaaltuu gonfoo Sa’uudii irraa ergame waan jiruuf, akka fuutu’ dhaamsi jedhu bilbilaan itti himame.”Jedhe. Dabalataanis maallaqa kana Muhammad Bin Salmaan irraa akka argame maqaan isaa akka ifa hin taane wanta barbaadeef,  gara Baankiitti galchuun hin danda’amne jedhe. Prezdaan Al Bashiir itti dabaluudhaanis, “maallaqa kana diduufis mootummaa biyya michuu Suudaan tahe muufachiisuu waan hin barbaadiniif,  maallaqicha ofitti fuudhee dhaabbilee mootummaatiif bifa kennaatiin qoodee jira” jedhe.

Manni murtii Kaartuum har’a yaada prezdaantichaa eega irraa fuudhee booda, gaaffii Prezdaantichi wabiin akka gad dhiifamu dhiheeffate kuffisuun beellama September 7/2019tti kan qabe tahuu Aljaziiraan gabaase.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button