header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Isra’eel fi hidhatoonni Hizbolah daangaa Lubnaan irratti walitti dhukaasaa jiraatuu gabaafame

Gareen Hizbolah  har’a waaree booda Kibba Lubnaan irraa gara Israa’elitti misaa’ela dhukaasuun,  loltoota heddu ajjeesee taankii fi konkolaatota waraana Israa’el barbadeessuu eega beeksisee booda, Israa’elis haleellaa haloo bahuu kan raawwataa jirtu tahuu beeksistee.

 

Waraanni Israa’el ibsa baaseen,  “gareen Hizbolah misaa’ela gama Israa’elitti dhukaaseen bufatni waraana fi konkolaataan waraanaa nurraa rukutamee jira, humni waraana keennaatis yeroo ammaa deebisaa cimaa kennaa jira” jedhe.  Haata’u malee waraanni Israa’el balaa haleellaa kanaan dhaqqabe bal’inaan hin ibsine.

 

Torbee dabre drooniin waraana Israa’el lama magaalaa guddoo Lubnaan, Beeyruut keessatti eega kufee booda,  gareen Hizbolah Israa’el irratti haleellaa cimaa kan raawwatu tahuu beeksisee ture. Mootummaan Lubnaanis drooniin boombiin irratti kiyyeeffame daangaa cehuu ibsuun,  “Israa’el gocha akka waraana labsuutti ilaalamu raawwatte” jechuun balaaleffate. Ganama har’aatis waraanni mootummaa Lubnaan,  droonii Israa’el daangaa qaxxaamuruuf yaalte irratti dhukaasuun gara dhuftetti kan deebise tahuu beeksisee ture.

 

Israa’el fi gareen Hizbolah bara 2006 waraana hamaa eega wal irratti geggeessanii asitti, haleellaan Hozbolah’n kallattiidhaan  har’a Israa’el keessatti raawwate kan jalqabaa tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button