header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa komiin manni marii paartiilee siyaasaa labsii filannoo irratti kaase fudhatama hin qabu jedhe

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo Hagayya 18,2011 raggaasisuun isaa ni yaadatama. Haata’u malee manni marii paartiilee siyaasaa ibsa guyyaa kaleessaa kenneen, wixinee labsichaa irratti paartiileen siyaasaa osoo hin mari’atin kan ragga’e waan taheef fudhatama hin qabu jedhe.

 

Dabalataanis mariiwwan muraasa geggeeffaman irratti,  qabxiileen akka fooyya’an jedhamanii paartiilee siyaasaa irraa dhihaatanii turanis labsicha keessa waan hin jirreef, manni marii bakka bu’oota ummataa dhimmoota kana hubatee  qabxiileen gama paartiilee siyaasaa irraa ka’an labsicha keessatti akka dabalaman haala mijeessuu qaba jedhe.

 

Hoggantuun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Burtukaan Midhaksaa dhimmicha irratti har’a ibsa kan kennite yoo tahu, wixinee labsichaa irratti paartilee siyaasaa waliin mariin gaggeeffamee akka ture ibsuun, wixineen labsichaatis walii galtee kanaan booda Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatif dhiyaatee kan ragga’e tahuu beeksiste.

 

Aadde Burtukaan itti dabaludhaanis, “gaaffin amma akka haarayaatti ka’aa jiru gonkuma fudhatama hin qabu” jette.

 

 

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button