header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Gamtaan Afrikaa qoqqobbii Suudaan irra kaahee ture kaasuu beeksise

Manni marii nageenyaa Gamtaa Afrikaa june dabre ibsa baaseen, hoggantoonni waraana Suudaan aangoo humnaan qabatan hanga mootummaa ce’umsaa siviilotaan hogganamutti dabarsanii kennanitti, biyyattii miseensummaa gamtichaa irraa kan uggure tahuu beeksise.

Hoggantoonni waraana Suudaan aangoo humnaan qabatanii turan, torbaan sadi dura mootummaa ce’umsaatiif dabarsanii kennuu isaanii hordofuun gamtichi guyyaa har’aa uggura Suudaan irra kaahee ture kaasuu beeksise. Dubbi himaan Gamtaa Afrikaa Ebbaa Kalondoo ejensii odeeyfannoo APtiif akka himetti, manni marii nageenyaa Gamtaa Afrikaa wal gahii har’a Finfinnee keessatti geggeesseen uggura Suudaan irra kaahee ture kaase.

Odeeyfannoo walqabateen Muummichi ministeera Suudaan Dr. Abdallaah Hamdook guyyaa har’aa kaabinee ministeerota isaa ifa godhee jira. Dr. Abdallaah Hamdook ministeerota 18 guyyaa har’aa muude jidduu, ministeera haajaa alaa dabalatee 4 dubartoota tahuun beekamee jira. Dr. Hamdok ibsa guyyaa har’aa kenneen “ministeeronni muudaman guyyaa har’aa irraa jalqabee rakkina diinagdee fi nageenyaa biyya keenna muudate irratti xiyyeeffatuun hujii isaanii ni jalqabu”jedhe. Muummichi ministeeraa akkuma aangoo qabateen, rakkina diinagdee biyyattii muudate furuudhaaf, baasii mootummaa hirdhisuu fi uggurri biyyattii irra kaayamee ture akka ka’u cimsee kan hojjatu tahuu beeksisee ture.

Mna Maree Nageenyaa11

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button