header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’uudii fi Emreets,  finciltoonni Kibba Yaman fi mootummaan biyyattii marii nageenyaatti akka deebi’an waamicha godhan

Mootummaan Yaman kan Sa’uudiin deeggaramu finciltoota Huusiitiin Sana’aa keessaa eega ari’amee booda Adan keessa qubatee ture. Haata’u malee finciltoonni gama kibbaa keessatti Emreetiin deeggaraman, dhiheenya kana mootummaa beekkamtii Idil Addunyaa qabu ari’uun magaalatti kan too’atan tahuu gabaasuun keenna ni yaadatama.

 

Haalli Yaman keessatti wal xaxaa ta’aa dhufe kun Sa’uudii fi Emreet jidduttis wal shakkii guddaa kan uume yoo tahu, biyyoonni lamaan rakkoo Kibba Yaman keessatti uumame kana furuudhaaf, magaalaa Jiddaa keessatti mootummaa Yaman fi finciltoota jiddutti marii araaraa jalqabsiisanii turan. Haata’u malee mariin kun Jum’aa dheengaddaa walii galtee malee eega xumuramee booda,  gareen lamaanuu lolaaf kan qophaayaa jiran tahuu Routers gabaase.

 

Kanuma hordofuun Sa’uudii fi Emreets guyyaa har’aa ibsa waliin baasaniin, gareen lameenuu sochii lolaa dhaabuun gara mariitti akka deebi’an waamicha dabarsan.

 

Sa’uudii fi Emreets gama tokkoon, mootummaa Yaman waliin tahuun garee Huusii Kaaba biyyattii too’ate kan rukutaa jiran yoo tahu, gama birootiin ammoo Emreets Kibba biyyattii keessatti finciltoota biyyattii irraa fottoquu barbaadan deeggaruun, mootummaa biyyattii beekamtii UN qabu kana Adan keessaa buqqisaa jirti.

finciltoota Kibba Yaman

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button