header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Balaa Ibidaa Magaalaa Jimmaa keessatti muudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 11 shallagamu barbadayuu ibsame

Ajajaan Poolisii Magaalaa Jimmaa Komaandar Abdurrazaaq Naggaa Tajaajila Odeeyfannoo Ityoophiyaatti akka himetti, ibiddi halkan edaa naannawa magaalatti Markaatoo jedhamuun beekamu keessatti qabate, manneen daldalaa heddu kan miidhe tahuu ibse. Balaa kanaa lubbuu namaa irra miidhaan gahe akka hi jirree fi qabeenyi barbadaahe garuu birrii miiliyoona 11tti kan tilmaamamu tahuu ibsame.

 

Komaandar Abdurrazaaq akka ibsetti, sababni balaa kanaa kan qoratamaa jiru yoo tahu,  ummanni magaalaa Jimmaa akkasumas konkolaattonni ittisa balaa Ibiddaa kan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa damee Jimmaa,  ibidda dhaamsuu irratti gahee guddaa kan bahan tahuun beekamee jira.

 

 

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button