header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Abbaan Taayitaa to’annaa Nyaataa fi Dawaa Ityoophiyaa Oomishaalee Zeeyita nyaataa gosa 17 ummanni akka itti hin fayyadamne akeekkachiise

Abbaan Taayitaa to’annaa nyaataa fi Dawaa Ityoophiyaa magaalaa Finfinnee dabalatee qorannoo iddoo garagaraatti godhe irratti hundaa’uun, oomishaaleen Zeeyita nyaataa 17 rakkoo qabatuu kan beeksiise yoo tahu, oomishaaleen kunniin eessatti akka oomishaman, lakkoofsa addaa oomishicha ibsu fi teessoo qaama oomishe agarsiisu kan hin qabne tahuu ibsuun ummanni akka itti hin fayyadamne akeekkachiise.

Akkasumas oomishaaleen kunniin guyyaan tajaajilli isaanii itti dhumu (expire date) kan irratti hin katabamiin tahuunis ibsame.

Oomishaaleen Zeeyita nyaataa ummanni akka itti hin fayyadamne dhoorkaman kunniin:

1.lulu zayit /ሉሉ ዘይት
2.Arsii zayit /አርሲ ዘይት
3.Ahadu zayit /አህዱ ዘይት
4.Dire zayit /ድሬ ዘይት
5.Amen zayit /አሚን ንጸህ የምግብ ዘይት
6.Royal zayit /ሮያል የምግብ ዘይት
7.Dagim zayit /ዳግáˆá‹¨á‰°áŒ£áˆ« የኑግ ዘይት
8.Jedan zayit /ጄዳን የምግብ ዘይት
9.Wub zayit /ውብ የተጣራ የኑግ ዘይት
10.Lema zayit /ለማ የኑግ ዘይት
11.Nud zayit /ኑድ ንጽህ የምግብ ዘይት
12.Gebeta zayit /ገበታ የምግብ ዘይት
13.Zemen zayit /ዘመን ዘይት
14.Agar zayit /አጋር ዘይት
15.Anajina zayit / አናጅና ዘይት
16.Saba zayit /ሳባ ዘይት fi
17.Jalo zayit /ጃሎ ዘይት kanneen jedhaman tahuu gabaafame.

Abbaan taayitaa to’annaa nyaataa fi Dawaa Itoophiyaa ummanni oomishaalee kamiyyuu yoo bitu, qabxiiwwan armaan olitti ibsaman qabaatuuf dhiisuu akka adda baafatu qabu akeekkachiise.

Akkasumas qaamonni to’annaa sadarkaa naannoolee jiranis oomishaalee kanneen gabayaa irraa hatattamaan akka walitti qaban ajajamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button