header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’uudiin waajjira qonsilaa Istaanbul kan gaazexeessaan keessatti ajjeefamee ture gurguruu gabaafame

Dhaabbanni Televizhiina Turkiyaa Habeturk jedhamu akka gabaasetti, Sa’uudiin waajjira qonsilaa isii Istaanbulitti argamu kan gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii bara dabre keessatti ajjeefame ji’a tokko dura gurgurte. Akka gabaasa kanaatti,  mootummaan Sa’uudii dursee gamoo waajjira qonsilaa Istaanbul kan biraa haaraya, naannawa  qonsilaan Ameerikaa itti argamutti kan bite tahuunis beekamee jira.

Haata’u malee waajjirri haajaa alaa Turkiyaa adeemsa gurgurtaa gamoo qonsilaa mirkaneessuu itti gaafatamummaa kan qabu tahus, hanga ammaatti dhimmichi ifatti kan hin dhihaatiniif tahuu beeksise.

Gaazexeessaan lammii Sa’uudii Jamaal Khaashoqjii October 2,2018 waajjira qonsilaa kana keessatti humnoota tikaa mootummaa Sa’uudiitiin eega ajjeeffamee booda, reeffi isaa asiidiin bulbulamee kan gatame tahuun ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button