OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mariin dhimma hidha Laga Abbaay ilaalchisee Kaayirootti geggeeffame walii galtee malee xumuramuu ibsame

Ministeeronni Bishaanii Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan dhimma laga Abbaay ilaalchisee mariin guyyaa lamaaf Kaayiroo keessatti geggeessaa turan,  walii galtee malee kan xumurame tahu ministeerri Bishaan, Inarjii fi Jallisii Ityoophiyaa Injinar Silashii Baqqalaa beeksise. Injinar Silashiin ibsa bal’aa kaleessa waaree booda miidiyaaleef kenneen, wal gahiin Sabtii fi Alhada dabre geggeeffame sababa mootummaan Masri wixinee marii haarayaa fi kan kanaan duraatiin adda tahe dhiheesseef, marichi walii galtee tokkoon malee garaa garummaa bal’aan xmuramuu ibse.

 

Akka ibsa Injinar Silashii Baqqalaatti qabxiilee Masri haarayatti dhiheessite jidduu,  hidhi laga Abbaay yeroo xumurametti osoo wal irraa hin citin waggaa waggaan bishaan meetir kiyuubi biiliyoona 40 Masrii akka gadhiisu qabxiin jedhu isa tokko. Ministeerichi gaaffii kana irratti ijjannoon Ityoophiyaa yemmuu ibsu “Kun sirrii miti. Fedhii misoomaa keenya gara fuulduraa kan dhiphisu, akkasumas Suudaanis bishaan hamma kanaa akka dabarsituuf kan dirqisiisu waan ta’eef walii galtee akkasii hin fudhannu” jechuun hime.

 

Injinar Silashiin itti fufuun “Dabalataan Masirii kuufamni bishaanii hidha isii Aswaan jedhamuu meetira 165 irraa akka gadi hin buune, yoo hir’ate ammoo hidhi haaromsa Ityoophiyaa hujii biraa dhaabee Masriif qofa bishaan akka gadhiisuuf barbaaddi”jedhe.

 

Qabxiilee ijoo waxinee haraaya keessatti hammataman jidduu kan biraa, Masri kanaan dura bishaan qusachuuf jecha Ruuzii alaa galchaa akka turte ibsuun, kana booda ammoo biyya keessatti oomishuu waan barbaadduuf, kanaafis bishaan gahaan akka isii dhaqqabu kan gaafatte tahuu ibsame. Injinar Silashii Baqqalaa kana irrattis akki jedhe,”Kunis kan irratti waliigalluu miti. Itti fayyadamni bishaanii hidha Aswaanii gadi jiru maal akka fakkaatu waan hin beekneef,  akkasumas fedhiin misoomaa keenya gara fulduraas waan jiruuf gaafifin akkanaa sirrii miti” jedhe.

 

Dabalataanis Masriin Adeemsa hujii ijaarsaa fi haala bishaan itti guutamu too’achuuf kan gaafatte yoo tahu, Ityoophiyaan dhimmi kun dhimma birmadummaa biyyaa waan taheef gaaffii kanas kan hin fudhanne tahuu ibsite.

Injinar Silashii Baqqalaa akka jedhutti Masri dhimma hidha Laga Abbaay dhimma teeknikaa tahuu isaa osoo beektu ija Siyaasaa qofaan kan ilaalaa jirtu tahuu ibsuun, keessumattuu miidiyaaleen biyyatti dhimmicha gara hamaatti oofaa jiran jechuun komate.

 

Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii xumura ibsa isaa kana irratti, wixinee haaraya Masri irraa dhihaate ilaalchisee Ityoophiyaa fi Suudaan deebisaa saayinsaawaa tahe qopheessanii dhiheessuu irratti qofa walii galanii wal gahichi kan goolabame tahuu beeksise.

 

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button