header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaan humna elektirikaa teeknolojii Niwkilariitiin maddu fayyadamuuf walii galtee mallatteessite

Ityoophiyaan wal gahii Ejensiin Humna Atoomikii Idil Addunyaa  Oostiriyaa magaalaa Veenaa keessatti qopheesse irratti kan hirmaataa jirtu yoo tahu, wal gahii kana irratti Ityoophiyaan teeknolojii Niwkilariitti fayyadamtee humna elektirikaa maddisiisuuf walii galtee kan mallatteessite tahuun beekamee jira.

 

Akkaataa walii galtee kanaatiin teeknolojiin Niwkilarii Ityoophiyaan fayyadamuu dandeessu, karaa nagayaatiin qofa humna elektirikaa maddisiisuu, akkasumas seektaroota fayyaa, qonnaa fi Indaastrii keessattis itti fayyadamuuf kan oolu taha. Dabalataanis walii galteen kun haalli itti fayyadama humna Niwkilarii biyyattiin fuul duratti hordoftu, qajeelfama idil addunyaa kan guuttatu tahuu mirkaneessuuf, Ejensii Humna Atomikii idil Addunyaatiin akka too’atamu kan dirqisiisu tahuu ibsame.

 

Haaluma kanaan Ministeerri Teeknolijii fi Inoveeshinii Dr. Geetaahun Makuriyaa itti aanaa  Daayrektara ol-aanaa Ejensii humna Atoomikii Idil Addunyaa Feruutaa Koornel waliin waliigaltee kana kan mallatteessan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Dr. Geetaahun wal gahii kana irratti haasaya godheen, Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa guddina diinagdee saffisaa galmeessisaa jiran keessaa tokko tahuu ibsuun, bara 2025tti biyyoota galii jiddu-galeessaa qaban keessaa tokko tahuuf cimsitee hojjataa kan jirtu tahuu hime.

Ministeerichi itti dabaluudhaanis Ityoophiyaan akkaatuma walii galtichaatiin teeknoolojii Niwkilarii karaa nagayaa qofa irratti kan fayyadamtu akka taheefi, addunyaa soda balaa niwukilarii irraa ittisuufis Itiyoophiyaan cimsitee ni hojjatti jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button